Abdii illee: Geetaacho Asaffaa himate

Abdii Mohamoud Omar: Hogganaa duraanii tika biyyaalessaa himatan

Pireezidantii Abdi Mohamoud OmarImage copyrightABDI MOHAMOUD OMAR/FACEBOOK
Goodayyaa suuraaAbdi Iilee hogganaa duraanii tika biyyaalessaa himatan

Hogganaan dhaabbata tika biyyaalessaa Itoophiyaa duraanii Obbo Getaachoo Asaffaa dhimma naannoo keenyaa keessa galuun rakkinoota hedduu nurraan gahaa turan jedhan pireezidantiin mootummaa Naannoo Somaalee Obbo Abdii Mohammad Umar.

“Mootummaa Naannoo Somaaleef kaabinee mataasaa Finfinneetti muudee ati pirezidaantiidha, atimmoo itti aanaadha jedhee konkolaataadhaan gara Somaaleetti ergaa ture,” jedhan.

Namoota seeraan alaa, yakkamtoota walitti sassaabee dahoo taheefi hojjechaa ture jechuun mana maree bakka bu’oota uummataa naannoo Somaaleetti himan.

Ajjeechaa, sarbama mirga namoomaafi yakkoota dhala namaarratti naannicha keessatti raawwatamaa turan dogoggora dhunfaa isaanii qabaatus, nama kanaan dirqamanii raawwachuu dubbataniiru.

Kana ammoo hogganoonni ADWUI hundi kan beekan ta’uus himaniiru.

Isaan kana haa jedhan malee waajjirri jiddugaleessaa ADWUI dubbicha haaleera.

“Akka nama dhunfaatti aanga’oota dhaabichaatti himuu malu, akka dhaabaatti garuu komiin akkasii ADWUI bira hin geenye,” jechuun hogganaan komunikeeshinii waajjirichaa Obbo Sadaat BBC’tti himaniiru.

Hogganaan duraanii tajaajila tika biyyaalessaa obbo Geetachewu Asaffaa ‘nama fuula hin qabne’ jedhuun namoonni hedduun. Nama fuulli isaanii hin beekamne akka jechuuti.

Wantichi hagam dhugaadha?

Walitti bu’iinsa daangaa naannoo Somaaleefi Oromiyaa gidduu tureen qofa lubbuun namootaa hedduu yoo darbuu namoonni miliyoona tokkotti siqan qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.

Kana dabalatee ajjeechaafi sarbama mirga namoomaa naannoo Somaalee keessatti raawwatamaniif dhaabbileen mirga namoomaa pireezidantii naannichaa himatu.

Pireezidantichi garuu nama biraatti quba qabaa jiru.

Yakkoota naannoo Somaalee keessatti raawwataman keessaatti ajajoonni waraana biyyaalessaafi namooti siyaasaa tokko tokko harka keessaa qabaachuu jiraattonni naannicha sirriitti beeku jedhu rogeessafi falmaan mirga namoomaa naannoo Somaalee Obbo Musxafaa Umar.

“Ajajoonni waraanaafi namooti siyaasaa uummanni irra deddeebiin maqaa dhahu jiraatanillee Obbo Geetachewu Asaffaa isaan keessaa tokko miti,” jedhu.

“Yakkoota naannoo Somaalee keessatti raawwataman maraaf namoota kanatti quba qabuun sirrii natti hin fakkaatu, jarri kun ajaja kennuufi malu, kan raawwataa ture garu Abdii mataa isaati” jedhu.

Himannaa sarbama mirga namoomaafi yakkawwan adda adda irratti dhiyaataa jiruun jiraattonni naannichaa hedduun Obbo Abdiin aangoorraa akka ka’u gaafataa jiru.

Ergaa qaamolee sadiif…

Ega maqaan jiraattonni naannoo Somaalee beekan kan biraa ta’ee Obbo Abdiin ammatti maaliif erga kana dabarsuu barbaadan jennee obbo Musxafaa gaafanneerra.

Jalqabarratti ergaan kun uummata Somaaleefi dhaaba siyaasaa mormituu naannoo Somaalee Adda Bilisa Baasaa Ogaadeeniif kan darbedha jedhu.

“Kanan isin hidhe, kanan isin ajjeese dirqameeni malee jaaladheen miti,” erga jedhu dabarsuufi jedhu.

Gama biraan bulchiinsa haaraa Dr. Abiyyiin durfamu biratti fudhatama argachuufi jedhu.

“Yakkootan Oromoo irrattis ta’e Somaalota irratti raawwadhe hundi to’annaa koon ala ture, doorsisa Geetachewu Asaffaatiin kan dhufedha ergaa jedhu dabarsuu fedheeti,” jedhu.

Dhumarratti jeneraalota waraanaa isa waliin turaniif ergaa dabarsaa jira jedhu.

“Isin dabarsee hin kennine, rakkoolee naannoo Somaalee keessatti raawwataman, rakkoo dhaabbataa osoo hin taane rakkoo nama dhunfaati jedhee Geetaachewu irra kaa’eera,” jechuufi jedhu Obbo Musxafaan.

Obbo Geetachewu Asaffaa yeroo adda addaatti Obbo Abdii aangoo irraa buusuuf yaaluu isaanii ni beekna kan jedhan Obbo Musxafaan, haaloo bahuuf yaadanii ta’uu malas jedhaniiru.

Maddi : BBC Afaan Oromoo

Leave a comment